❓
Gaaddiddaa'uun ji'aa walakkaa fii guutuun guyyaa har'aa kana Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota birootti mul'ateera.
Taateen kun Lunar Eclipse jechuun waamama. Yeroo lafti aduufi addeessa jidduu seentu gaadiddaa'uu uumamudha jechuudhan qorattoonni himan.
Qorataan Saayinsii Hawaa Dr. Roodaas Taaddasaan taateen kun aduun kallattii bahaan, addeessi ammoo kallattii lixaan ta'iin lafti jidduu yeroo seentu muudatas jedhan
Taateen kun bakka sadiitti akka qoodamu kan himan Dr. Roodaas, gaadiddaa'uu guutuu, walakkaa fi dimimmisaan akka ta'es eeraniiru.
Addeessi kutaa gaadidduu guraacha lafaa keessa waan dabartuuf hin mul'attu jedhu.
Yeroo tokko tokkos haala qilleensa naannawaa irratti hundaa'uun diimaattee ibidda fakkaatti (Super Blood Moon) ni uumama jedhaniiru.
Taateen kun Afrikaa, Eeshiyaa, Baha Jiddu galeessaafi Awustiraaliyaattis mul'ateera.
Itiyoophiyaatti sa'aatii 12:30 kaasee dimimmisaa'uun naannawa 2:00tti walakkeessaan gaadiddaa'uun addeessaa mul'ateera.
Bakka tokko tokkootti hanga sa'aatii 2:30tti gaadiddaa'uun addeessaa kun guutummaan mul'ateera.
Taateen akkasii baatii jahaan altakka ni muudata jedhu qorattoonni. Maarree guyyaa yeroo aduun jiru muudata yoo ta'e ija qullaan osoo hin taane fullee (golga ijaa) haguugduu ijaan ilaaluutu gorfama.
Kana dura Itiyoophiyaatti bara Waxabajjii 21/ 2020 fi Onkoloolessa 25/ 2022 walakkeessaan mul'achuun ni yaadatama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIID
0 Comments